Borana Scripture

Nami chufti ya daba tolce, guddina Waaqa hanqate. Nuun chufti ya aka holiye gargari banne, chufti ya kara ufi gula gorre. Nami chufti maro toko challa dua, ammo eegi suni Waaqi nama qora. Gatiin daba duisa.

Yo nami maro lameeso d'alate male, dandae guddina Waaqa inargu. Nafi nafa d'ala, lubbuun lubbu d'alti. Kara toko jira, ka qajeela namaa fakaatu, ammo mummeen isa kara duisat. Nami d'uga inargatu maro seera Waaqa gutuuf. Eeba Waaqatiin issan baasani, maro d'ugefacatiifi; maro huji teesanitiiniti ammo galata Waaqaat. Tanaafi woonti issan ufi guddiftaniif injirtu, waan issan woma tokole intolcinneef.

Yeson waan jed'e, Karaan ana, d'ugaaf jireenileen ana; nami tokoleen gara Abba ind'aqu anaan d'aqu male. Bahisi isa challa keesa jira; woonti akanatiifi nami d'ibiin ka Waaqi namaa kenne lafa kees injiru, ka nu maqa isatiin baafamnu. Waaqi aka nu dalansu isatiin gargallu nu imfohanne, ammo aka baafama argannu Aabo Yeso Kristo keesa, ka nuufi due. Waaqi guddo lafa jaalate, tanaafi ilma ufi tokoca namaa kenne, aka nami tokoleen ka isa d'ugefatu imbanne, ammo jireena hegeri argatu. Aaboon ya hameena keena chufa isa gubba kaye. Kristoni ya maro tokotu maro dabatiifi due, nami d'ugaan maro nama d'uga inqamneefi, aka Waaqati nu deebisu. Toli Waaqa jireena hegeriti maro Kristo Yeso Aabo keenatiifi. Yeson kurfo jira aka ammaf hegerile wora isa gula Waaqati d'ufu baasu, maro inni haga hegeri jirufi, aka Waaqa woraa kad'atuufi. Inni jigu issan d'owe, wolaala male gammadaan guddina isaati issan geesu dandaa.

Waan isa gargalcani ilaalataniifi, inni wora ilaalatani qarqaru dandaa. Hojja nami Kristoon taka tahe, inni umama haraa: woonti dulatiin ya dabarte, haretiin ya d'ufte. Waaqi amma nama chufaan, Daba iraa deebia jecu jira. Aabo Yeso d'ugefad'u, duuba imbaafamta wora kanke chufa woliin. Yo daba keena Waaqati himanne, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaat, daba keena nu araraame chubbu chufa nura qulqulleesa. Yo atini afan keetin, Yeson Aabo jette, ammalle aka Waaqi duisa keesa isa kaase d'ugefatte, imbaafamta. Woonti akanatiifi yo nami gara ufitiin d'ugefate inni d'uga argata; yo afan ufitiin himate baafama argata.

free web site hit counter